Balaa lolaa Indooneezhiyaa keessatti muudateen lubbuun nama 58 dabruu gabaafame
Rooba cimaa Indooneezhiyaa keessatti roobaa jiru hordofuun, balaa lolaa baha biyyattii kutaa Papuwaa keessatti muudateen namoonni 58 ol kan du’an yoo tahu, qabeenyi heddus lolaan kan barbadaaye tahuu gabaafame.
Hojjatoonni ittisa balaa biyyattii akka jedhanitti, iddoowwan seenuuf rakkisaa tahan heddu akka jiraniifi, lakkoofsi namoota du’aaniis kan caala dabaluu mala soda jedhu kan qaban tahuu ibsan. Dabalataanis sigiiga laafaa fi mukkeen kufuun daandiiwwan akka cufamanii fi akkasumas riqichi bakka heddutti waan cabeef tattaaffii lubbuu baraaruu irratti danqaa kan uume tahuu himan.
Balaa kanaan jiraattonni naannichaa 4000 ol manneen isaanii irraa buqqa’anii buufataalee gara garaa keessatti qubsiifamuu gabaafame. Indooneezhiyaa keessatti balaan lolaa yeroo heddu kan muudatu yoo tahu, January dabre balaa lolaa kutaa Silawaasii jedhamtu keessatti muudateen yoo xiqqaate namoonni 70 ol du’uun ni yaadatama.