header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Jilli mootummaa Ityoophiyaa Dr.Abiy Ahmadiin durfamu Foramii Belt and Road Initiative Chaayinatti geggeeffamaa jiru irratti hirmaataa jira

Sirna baniinsaa kana irratti Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad haasaya godheen, “daandiin baaburaa Finfinnee hanga Jibuutitti diriirfame,  gumaachi inni daldala biyyoota lamaanii si’omsuuf qabu kaayyoo kaka’umsa Belt and Road Initiative kan agarsiisu”jedhe.

 

Dr.Abiy haasaya isaa kanaan, Imaammatni diinagdee Ityoophiyaa haarofni investimantiin kan durfamu tahuu ibsuun, dureeyyonni carraawwan haaraya banaman kanatti fayyadamuun Ityoophiyaa keessatti Investimantii irratti akka bobba’an waamicha dhiheesse.

.

Odeeyfannoo wal qabateen Kaampaaniiwwan Chaayinaa afur komishinii inveestmentii Ityoophiyaa waliin walii galtee investimentii mallatteessan. Kaampaaniiwwan Walii galtee kana mallatteessan Ityoophiyaa keessatti oomisha waraqaa, meeshaalee waldhaansaa fi kanneen biroo irratti bobba’uuf akka tahe beekamee jira.

Ityoo Chaayinaa1

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button