header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbileetti Konfiransiin nageenyaa geggeeffame

Godina Harargee Bahaa aanaa Baabbileetti waldhabbii kanaan dura hawaasa daangaa naannolee Oromiya fi  Somaalee irra jiraatu jiddutti muudatee ture araaraan furuuf, konfiransiin nageenyaa kan geggeeffame tahuu gabaafame.

 

Konfiransii kana irratti hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa Birgaadeer Jeneraal Kamaal Galchuu, gama naannoo Somaalee irraa ammoo hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya naannichaa, akkasumas Abbootiin Gadaa, Ugaasonni fi jiraattonni naannoolee lamaanii kan hirmaatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Akka namni konfiransii kana irratti hirmaatee bilbilaan nuuf himetti:

“Konfiraansii kana irratti wal dhabbii ummata obboleeyyan lamaan jidduu ture dhaabsisuuf labsiin dhukaasa dhabuu labsamee jira, araarris bu’ee jira”jedhe.

 

Dabalataanis ummanni gama lamaan irraa sababa waldhabbii kanaatiin qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqifamee ture, yeroo gabaabaa keessatti akka qe’ee isaaniitti deebi’an godhuufis walii galamee jira jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button