header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen Furmaata Barbaadduu Hawaasa Muslimaa, “Majliisni dhaaba muslimoota hunda hammatu tahuu qaba”jechuun ibsa baase

Ibsa koreen jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaa muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmadiin hundeeffame Khamiisa dheengaddaa baase hordofuun, Koreen furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa miseensota kudha torbaniitis ibsa baasee jira. Koreen kun ibsa isaa irratti, hojiiwwan koreen jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaa guyyaa hundeeffame irraa kaase hojjata ture kan dinqisiifatu tahuu ibsuun, ammas hanga xumuraattti  jajjabeeffamuu qaba jedhe.

 

Kora Ulamaa’onni ilaalcha gara garaa qaban irratti hirmaatan geggeessuu fi Majliisa Amaanaan itti kennamu kan  ilaalcha hunda hammatu hundeessuuf karoora qabame  Koreen Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa kan deeggaru akka taheefi,  gama biraatiin ammoo majliisni garee tokkoon dhuunfatamu akka hin hundoofne kan irratti qabsaayu tahuu beeksise.

 

Dabalataanis ibsichi hojii Koreen jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaa hojjate kan dinqisiifatamu tahus, hanqinoonni tokko tokkoos jiraatuu eere. Qabxiilee koreen Fala Barbaadduu Hawaasa Muslimaa ibsa isaa keessatti akka hanqinaatti kaase jiddu, Ulamaa’ota fi Hayyoota 300 kan kora ebla 23/2011 geggeeffamu irratti affeeraman jidduu,  koreen furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa namoota ilaalcha Salafiyaa bakka bu’an 150 akka yaamu,  Majliisni ammo namoota ilaalcha Suufiyyaa bakka bu’an 150 akka yaamu yaadni jedhu sirrii akka hin tahin beeksise.

 

Koreen Fala Barbaadduu Hawaasa Muslimaa Mazhaba yookaan ilaalcha tokko qofa kan bakka bu’u waan hin tahiniif,  nuti gama keenyaan waamichi  goonu mazhaba irratti hundaa’uun osoo hin taane, ulamaa’otaa fi hayyoota yaada gaarii kennuu danda’an hundaaf waamicha ni goona jedhe. Haaluma kanaan dogoggorri kun akka sirreeffamu jechuun gaafate. Dabalataanis rakkoo dhaabbilee hawaasa muslimaa keessatti mul’atuuf itti gaafatamaan majliisa seeraan alaa kana tahee osoo jiru, isaanis namoota 150 akka yaaman carraan kennameef dogongora qofa osoo hin taane, ammas korri kun akka hin milkoofne ijaaramanii akka dhufan kan godhu waan taheef, Koreen jijjiirama dhaabbiilee hawaasa muslimaa dhimmicha irra deebi’ee xiyyeeffannoon ilaaluu qaba jedhe.

Dhumarrattis ibsi koree kun, majliisni Amaanaan itti kennamee kora kanaan hundeeffamu,  yeroo gabaabaa keessatti ijaarsaa caasaa fi filannoo majliisaa xumuruun qabsoo hawaasni muslimaa yeroo dheeraaf geggeessaa ture haala tokkummaa isaa eegsisuun akka galmaan gahu abdii qabna jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button