header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

“‹”‹Lammiileen Ityoophiyaa kumaatamaan lakkaahaman manneen hidhaa Yaman keessatti dararamaa jiraatuun beekame

Baqattoonni 4000 ol kanneen irra hedduun isaanii lammiilee Ityoophiyaa tahan manneen hidhaa magaalaa Adan keessatti kan dararamaa jiran yoo tahu, keessummattuu namoonni mana hidhaa Mansuuraa jedhamu keessatti hidhaman, nyaata gahaa dhabuudhaan guyaa guyyaan lubbuun nama shanii ol kan dabraa jiru tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa. Dabalataanis namoonni heddu dhibee daddarbaa taheen qabamanii wal dhaansa dhabuun qarqara du’aa irra kan jiran tahuu namni achi irraa dubbisne nuuf hime.

Mana hidhaa Ibi jedhamu keessatti qofa lammiileen Oromoo dubartoonni 70 fi dhiirri 51 yeroo ammaa rakkoo guddaa keessa kan jiran tahuu namni kun nuuf ibse. Gama birootiin ammoo lammiilee Oromoo 35 manneen hidhaa Adan keessa baasuun gara magaalaa Sana’aa kan geeffaman tahus, hanga ammaatti qabatamaan eessa akka jiran kan hin beekamin tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

Haaluma kanaan mootummaan Ityoophiyaa fi ummanni rakkina hamaa baqattoonni keessa jiran kana hubatanii akka isaanii birmataniif gaafatan.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button