header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Baankiin Daldala Ityoophiyaa tajaajila dhala irraa walaba ta’e kennuuf koree gorsitoota Shari’aa hundeesse

Islaamummaa keessatti dhala fudhatuuf keennuun badiiwwan gurguddoo Rabbiin birati nama gaafachiisu tahuun beekamadha. Biyyoota heddu keessatti baankiiwaan Islaamaa tajaajila dhala irraa bilisa tahe kennan hedduminaan kan jiran yoo tahu, biyya keenya keessatti immoo dhiibbaa mootummaa irra godhamaa tureen tajaajila kana dhoorkamee hawaasni muslimaa hubannoo hin qabne rakkoo guddaaf saaxilamaa turee jira.

 

Haata’u malee yeroo dhihoo as Baankiin Oromiyaa Intarnaashinaalii fi Baankiin Daldala Ityoophiyaa tajaajila dhala irraa walaba ta’e kennuu kan jalqaban yoo tahu, Baankiin Daldala Ityoophiyaa  maamiltoonni isaa tajaajila dhala irraa walaba ta’e barbaadan biyyatti keessatti babaldhataa dhufuu hordofuun, Gorsitoota Shari’aa Hayyoota irraa hundeessuu beeksiise.

 

Haaluma kanaan Baankichi D.r Jeylaan Khadiir waliitti qaba Koree gorsitootaa, Sheikh Muhammad Haamiddiin itti aanaa, Profeesar Nuur Abduu deeggara, Dr. Muhammad Zeyni fi Ustaaz Awol Abdulwahaab immoo miseensota koree gorsitootaa godhuun kan muude tahuu ibse.

 

Koreen hundaaye kun tajaajilli dhala (Ribaa) irraa walaba ta’e  kan Baankichi kennaa jiru kun haala sirrii ta’een akka  fayyadamtootaaf kennamu gorsa kennuun,  dirqama isaan irraa eegamu kan bahan tahuu ibse.

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button