header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni biyyoota Arabaa dhimma nageenya baha jiddu galaa irratti wal gahii ariifachiisaa geggeessaa jiran

Sa’uudii fi Emreets haleellaan boombii dhiheenya biyyoota lamaan keessatti buufataalee boba’aa fi Markabootaa Boba’aa fe’atan irratti raawwatame, iraaniin kan qindaaye jechuun yakkuun isaanii ni yaadatama. Kanuma hordofuun, dhimmicha irratti ijjannoo tokko irra gahuudhaaf Sa’uudiin biyyoota Arabaa wal gahii ariifachiisaa yaamte.

 

Haaluma kanaan wal gahichi kaleessa galgala Magaalaa Kabajmtuu Makkaa keessatti kan jalqabame yoo tahu, Malik Salmaan sirna baniinsa wal gahichaa irratti haasaya godheen “Iiraan naannicha weeraraa jirti”jechuun yakke. Malik Salmaan hasaya isaa kanaan, Iiraan nageenya naannichaa booressuudhaaf, meeshaalee waraanaa kanneen akka Misaa’elaa Baalastikii fi Nukleeraa gabbisaa jirti jedhe.

 

Mootummaan Sa’uudii wal gahicha irratti, Iiraan nukleera hidhachuu isiitiin dura biyyoonni addunyaa tarkaanfii fudhachuu qaban jechuun waamicha dhiheesse. Wal gahichi dhimmoota nageenya naannichaa irratti xiyyeeffatuun guyyaa sadi’iif kan turu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Gama birootiin ammoo mootummaan Iiraan ibsa har’a baaseen himannaa Sa’uudii kana haalee jira. Dubbi himaan Ministeera haajaa alaa Iiraan Abbaas Musaavii akka jedhetti, Sa’uudiin Ameerikaa fi Israa’el waliin tahuun sababa dharaa uumtee biyyoota Arabaa Iiraan irratti kakaaasuuf yaalaa jirti jedhe.

Makka.jpg

One Comment

  1. Assalamu’aleyikum woramatullaahi wobarakatu Ulama’iin Ajeechaan irratti murta’ee kan biyya sa’uudii keessa biyyoonni islamaa hundi ijjannoo wol fakkaata maalif sa’uudi irratti qabate haqsiisuu dide adaraa ? maal godhaa jirtu isin akka yahudoonni nu hingammannef isaayyuu ajechaan guyyaa idalfaxiriiti jedhamu ammam,dhugaadha yaa oboleeyyan islaama ? guyyaa kana filachuun jaraa diinii keenya xiqqeessani addunyaa agarsiisuu hin ta’uu laata?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button