
“‹”‹Sagantaa Tumsaa fi Eebba TV NUURALHUDAA Magaalaa JIDDAA
Baga Rabbiin Ayyaana Iidal Fixrii bara 1440’tiin isin gahe jechaa, Hawaasni Muslimaa biyya keenyaa Sa’uudii magaalaa Jiddaatti argamu, ayyaana iidaa kana iddoo tokkotti walitti dhufanii waliin kabajuuf qophii isaanii xumuranii jiru.
Sagantaa guddaa kana irratti Miidiyaa Islaamaa yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin tamsaasa Saatalaayitii jalqabe, Miidiyaa Nuuralhudaatiifis tumsi kan godhamu yoo ta’u, Ulamaa’onni fi du’aatonni gurguddoon biyya keenyaa Sa’uudii keessa jiraatan akkasumas keessummoonni biyya irraa affeeramanis ni argamu.
Sagantaa seena Qabeessa kanarratti, dhimma hawaasa muslimaa biyya keenyaa irratti mariin ni geggeeffama, akkasumas jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti argame ilaalchisee hawaasa muslimaa irraa maaltu eegama kan jedhu irrattis ni mari’atama.
Kanaafuu lammiileen biyya keenyaa Sa’uudii Magaalaa Jiddaa fi naannawa isiitti argamtan hundi sagantaa seena qabeessa kana irratti akka hirmaattan kabajaan affeeramtanii jirtu.
Keeysummoota sagantaa kana irratti ni argamu jedhamanii eeggaman jidduu:
1- Dr. Taaj sheik Abdurrahmaan- Makkaa irraa
2- Sheik Huseen Ibuu- Makkaa irraa
3- Sheikh Abduljawaad Abdussalaam- Makkaa irraa
4- Sheikh Muhammad Zeeyni- Jiddaa irraa
5- Sheik Kamaal Iisaa-Jiddaa irraa
6- Sheikh Jeeylaan Aadam- Xaa’if irraa
7- Sheikh Muhammad Daaluu- Xaa’if irraa
8- Dr. Jeeylaan Khadiir-Oromiyaa irraa
9- Sheikh Muhaammad Haamiddiin-Oromiyaa irraa
10- Sheikh Hajjii Ibraahim- Oromiyaa irraa
11- Ustaaz Raayyaa Abbaamaccaa-Oromiyaa irra
12- Sheikh Su’uud -Oromiyaa irraa
13- Sheikh Alii Jimmaa- Keeniyaa irraa
14- Sheikh Mu’aaz Qaasim- Jiddaa irraa
Guyyaa fi Sa’aan:
Shawwala 3/1440 ykn June 6/2019
Guyyaa Kamiisaa, Sa’a 7:00 pm
Iddoon:
Imbaasii Ityoophiyaa Magaalaa Jiddaa Galma Kominiitii
Odeeyfannoo Dabalataatiif:
0538034526
0509559905
0538655277
0557341459
0502634938
0592473326
KOREE QINDEESSITU MAGAALAA JIDDAA