header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Aalimni guddaan Sheikh Amaan Sheikh Hasan Muhammad gama ganda aakhiraa godaanan

Sheikh Amaan Sheikh Hasan Muhammad (Sheikh Amaan Marfoo) Yeroo dheeraaf Magaalaa Adaamaa Masjiida Abubakar keessatti barnoota diin Islaamaa hawaasa isaanii barsiisaa kan turan yoo tahu, dhukkubsatanii biyya keessafi biyya alaattis wal’aanamaa eega turanii booda, guyyaa kaleessaa Waxabajjii 4/2011 gara ganda aakhiraa godaananii jiru.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa Waxabajjii 5/2011 magaalaa Adaamaa ganda Haraa Masjiida Barakaatti eega irratti salaatamee booda, Sirni Awwaalcha Aalima guddaa Sheikh Amaan Marfoo yeroo ammaa magaalaa Adaamaatti raawwatamutti jira. Itti aanaa Dura Taa’aa mana maree dhimoota islaamaa Dr. Jeylaan haaji khadiir fi, Sheikh Hajjii Ibraahim, akkasumas du’aatonni fi ulamaa’onni gurguddoon naannolee adda addaa irraa dhufuun sirna awwaalchaa irratti hirmaataniiru.

Shekha keenya Rabbiin jannataan haa qananiisu. Maatiifi hawaasa isaan dhabeefis Rabbiin sabrii haa kennu jenna.

7 Comments

  1. sagantaa keessaan akkaan namatti tola jazaa keessan Rabbiin jannatal firdoosiin haagodhu.

  2. إنا لله وإنا اليه راجعون

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button