header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Jila Ulamaa’ota Jimmaa kanneen Hammarreesaa irraa deebi’aa turan keessaa namoonni 15 Finfinnetti hidhamanii akka turan beekame.

Namoonni kunniin Magaalaa Finfinnee naannoo Qeeraatti salaata Zuhrii eega salaatanii booda imala isaanii gara jimmaatiif qophaayaa yemmuu turanitti, poolisootaan qabamanii gara waajjira poolisiitti kan geeffamanii turan akka ta’e gabaasni arganne ni mul’isa.

Akka gabaasni arganne ibsutti, Poolisoonni namoota kanniin “barreeffamni isin konkolaataa irratti maxxansitan rakkoo qaba jedhanii akka hidhanis beekameera. isaanis barreeffamni konkolaataa irratti maxxanfame “gargaarsa Muslimoota jimmaa irraa, ummata Naannoo somaaleetii buqqa’aniif” kan jedhu tahuu eega hubachiisanii booda kan gad lakkifaman tahuu odeeffannoon arganne ni ibsa. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button