header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Galoo Galaana Omaan keessatti Markaboonni lama rukutamuu gabaafame

Markaboota lamaan jidduu takkaa Abu Dabii irraa gara Taaywaan kan imalaa turte yoo tahu, tan lammataa ammoo Sa’uudii irraa gara Singaapooritti imalaa turte. Humni galaana iraan Markaboota lamaan irraa hojjattoota 44 baraaruun gara buufata biyyattiitti kan geesse tahuu ejensiin odeeyfannoo Iraan gabaase.

 

Humni Galaana Ameerikaa buufata Bahreeyn keessatti argamu gama isaatiin, Markaboota rukutaman lamaan baraaruuf kan carraaqaa jiru tahuu ibse.

 

Markaboota rukutaman keessaa takka tan Kubbaaniyyaa Norweey yoo taatu, tan lammataa ammoo tan Kaampaanii Singapore BSM Shipping Management jedhamuu tahuu  ibsame.

 

Balaan kun walitti gaarrifannaa Ameerikaa fi Iraan jiddutti hammaataa dhufe daranuu hammeessuu mala  sodaan jedhu ka’aa jira. Balaa ganama har’aa muudate  kana booda,  Saa’atii muraasa keessatti gatiin boba’aa addunyaa kan dabale tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Haleellaa Markabooraa

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button