header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaEeshiyaaOdeeyfannoo

Iiraan Markabni Briteeniin uggurame hatattamaan yoo kan hin lakkifamneef tahe, tarkaanfii  haloo bahuu kan fudhattu tahuu akeekkachiiste

Humni galaana Briteen Khamiisa dabre Markaba Iiraan qoqqobbii gamtaa Awrooppaa cabsuun boba’aa fe’attee gara Suuriyaa imalaa turte,  qarqara Gibraltar keessatti too’annaa jala oolchuu beeksise. Bulchiinsi Gibraltar ibsa baaseen akka jedhetti, hojjattoota markabattii 28 kaayyoo imala markabbattii ilaalchiisee kan qorataa jiru tahuu ibsuun, ammas qorannoo gahaa geggeessuuf guyyaa 14 kan isa barbaachisu tahuu beeksise.

 

Gochi Briteen kun Iiraan kan dallansiise yoo tahu, qondaaltonni biyyattii  Iiraan tarkaanfii haaloo bahuu kan fudhattu tahuu akeekkachiisan. Miseensi mana marii hayyoota biyyattii Muhammad Ali Musavi Sabtii har’aa dhimmicha irratti yaada kenneen, “Briteen, Iiraan dubbii barbaaduun gatii cimaa kan kafalchiisu tahuu silaa Droonii Ameerikaa irraa baruu malte, ammas uggura seeraan alaa kanaaf Briteen gatii guddaa kafaluuf deemti”jedhe.

 

Waraanni Iiraan June dabre droonii basaasa Ameerikaa gara daangaa biyya isaa seene rukutee kuffisuu ibsuun ni yaadatama. Haaluma wal fakkaatuun qondaaltonni waraana Iiraan ammas Markaboota Briteen naannawa galaana isaanii keessa socho’an uguuruuf dhaadatan.

 

 

 

 

5 Comments

  1. As wr wb jirra jirtuu sagantaan keessan gaaridha odeefannoo waytaawaa nubiraan gahaa jirtan akkanumatti itti fufaa galatoomaa

  2. as wr wb sagantaalen keesan gaaridha garu sagantale kesan internet gubba hin jiruu oso internet gubbati gad-lakistani gaaridha

  3. as wr wa akkami jirtan qphiin kessan bayye baayye gaaridha haalumakanan itti fufaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button