header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Samayaawii Paartiin Alaabaa Ityoophiyaa irraa urjiin akka kaafamu gaafate

Dhaabbatichi ibsa guyyaa kaleessaa baaseen; alaabaan biyyattii kan maallatoo Urjii jidduurraa qabu ummata biyyattii kan bakka hin buunee fi fudhatama kan hin qabne waan taheef, urjiin jidduurra jiru akka irraa kaafamuu qabu mootummaa gaafate.
Gorsaa Seeraa Paartichaa kan tahe Obbo Yidnaqaachaw Asaffaa ibsa guyyaa kaleessaa midiyaaleef kenne irratti;
“Alaabaan mallatoo urjii qabu kan amma biyyattiin itti tajaajilamaa jirtu; kan eenyummaa ummata biyyattii hin ibsine waan taheef paartiin keenya ni balaleffata. akkasumas akka mallatoon urjii jidduu jiru kaafamu jabeessinee gaafannaa”jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button