header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Isra’eel fi Emreets hariiroo siyaasaa fi Dippilomasii waliin tolfachuu labsan


Biyyoonni lamaan hariroo siyaasaa fi dippilomasii waliin jalqabuuf, jaarsummaa Ameerikaatiin Khamiisa har’aa kan waliigaltee irra gahuu beeksisan. Israa’el fi Emreets waliigaltee kana ifa godhuun duratti yeroo dheeraaf kan mari’ataa turan akka taheefi, qabxiilee walii galtee jidduu tokko Israa’el dachii Falasxiinotaa naannawa West Bank keessatti humnaan qabatte fottoqsuuf sochii jalqabde, yeroodhaaf kan dhaabdu tahuu ibsame.

Prezdaant Traamp waliigaltee biyyoota lamaanii ilaalchisuun fuula twitter isaa irratti “Baha jiddu galeessaa keessatti biyyoonni michuu Ameerikaa tahan Israa’el fi Emreets, walii galtee seena qabeessa tahe mallatteessanii jiru”jedhe. Traamp walii galteen kun osoo hin labsamin dura, har’aa muummicha ministeera Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu fi Dhaaltuu Gonfoo Emreets Muhammad Bin Zaayid waliin telefoonaan kan mari’ate tahuu ibsi Waayit Haawus irraa bahe ni addeessa.


Haaluma kanaan Emreets biyyoota galoo galaana Arabiyaa jahan jiddu biyya jalqaba Israa’el waliin hariiroo tolfatte taatee jirti. Biyyoonni Arabaa kanaan dura Israa’el waliin hariiroo qaban Masri fi Urdun qofa turan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button