header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Israa’el West Bank keessatti manneen Falasxiinotaa 100 ol diiguu jalqabde

 

Waraanni Israa’el loltoota dhibbaan laakkayaman fi Doozarii heddu gara ganda Falasxiinotaa Sur Baher jedhamutti bobbaasuun, gamoowwan 16 Apartimantii dhibba tokkoo ol of keessatti hammatan diiguu kan jalqaban tahuun beekamee jira.

Falasxiinonni manneen isaanii akka hin diigamne waggaa dheeraaf kan Falmataa turan tahus, mootummaan Israa’el gandi Falasxiinotaa daangaa Israa’el humnaan qabattee dallaa irratti ijaartetti dhihaatee argamu hundi akka diigamu murteessee jira.

UN dabalatee dhaabbileen mirga namooma heddu murtii Israa’el manneen Falasxiinotaa diiguuf karoorfatte akka haqxu gaafachaa turanis hin milkoofne. Israa’el haaluma wal fakkaatuun gandoota Falasxiinotaa kanneen birootis diiguuf kan qophaayaa jirtu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button