header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni cehumsaa hojiiwwan ji’oota jaha keessatti akka hojjetuuf karoorfame kan hin hojjatin tahuu ibsame

Ji’a jaha dura hoggantoonni Majlisa Federaalaa duraanii hundi aangoo irraa kaafamuun, Majlisni cehumsaa ji’oota jahaaf turu kan Ulamaafi hayyootaan hundeeffame dhaabbachuun ifa. Ji’oota jahan dabran kana keessa Majlisni cehumsaa dhaabbate kun hojiiwwan 4 akka hojjatuuf itti kennamuun ni yaadatama.

Hojiiwwan kunniin..
1. Sanada Ulamaa fi tokkummaa kan Koree jijjiirama dhaabilee hawaasa Muslimaatiin qophaa’e raggaasisuu, irratti mari’achuu fi hanga sadarkaa gadiitti bu’uun ummataas mariisisuun tokkummaa ummata Muslimaa cimsuu.
2. Caasaa Majlisa haarawa qophaa’e qaama hawaasaa ilaallatu marisiisuun raggaasisuu.
3. Wixinee Majlisaa ‘labsiin akka hundeeffamu’ jedhu, kan Koree jijjiirama dhaabbilee hawaasa Muslimaatiin jalqabamee waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa irraa gara waajjira mana marii ministeerotaaf ergame qaama dhimmi ilaallatu waliin tahuun raggaasisuu fi
4. Qajeelfama ittiin bulmaata Majlisaa raggaasifame irratti hunda’uun, filannoo hoggantoota Majlisaa hanga sadarkaa gadii jiranii geggeessuufi qaama injifateef aangoo dabarsanii kennuu – kan jedhu yoo tahu, hojjiiwwan karoorfaman kunniin hanga ammaatti kan hin hojjatamin tahuun ibsame.

Dubbi himaan Koree Furmaata Barbaaddu Hawaasa Muslimaa fi miseensa dhaabbilee jijjiirama hawaasa Muslimaa saglan muummicha ministeeraa Abiy Ahmadiin hundeeffaman keessaa tokko kan tahe Ustaaz Ahmaddiin Jabal barreyfama fuula Facebook isaa irratti maxxanseen, Majlisni cehumsaa ji’a 7 dura hundeeffamee taaytaa irratti argamu, hojiiwwan ji’a 6 keessatti akka hojjetaman Karoorfaman kan hin hojjatin tahuu ibse.

Dabalataanis hojiiwwan kunniin filannoo biyyooleessaa biyyattii ji’oota muraasa booda geggeeffamu duratti hojjatamanii yoo hin xumuramin, dhimmi Majlisaa wareegamni guddaan kafalameef kun bu’aa tokko malee hafuu mala jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button