header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Wixineen Seeraa majlisni labsiin akka hundeeffamu gaafatu akka hin raggaasifamne gufachiisaa jiraatuu gabaafame

Ummanni Muslimaa waggoota 50 oliif Manni Marii Dhimmoota Islaamaa seeraan akka labsamu gaafataa jira. Wareegama guddaas itti kafalaa turuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan jijjiirama siyaasaa argame hordofuun, Wixineen seeraa Koree Jijjiirama Hawaasa Muslimaa fi ogeeyyota seeraan qophaa’e, kan ‘Majlisni labsiin akka hundeeffamu’ gaafatu Mana Marii Ministeerotaa Itoophiyaa biratti fudhatama argate booda, Mana Marii bakka bu’oota ummataaf dhiyaatee akka raggaasifamuuf parlaamaaf ergame ture.

Manni Marichaa Wixinee seeraa Majlisni Muslimoota hunda hammate seeraan akka labsamu dhihaateef kana, Koreen Dhaabbii dhimma Seeraa, Haqaa fi Dimokraasii Mana Marichaa akka qoratuuf qaama dhiimmi ilaaluf dabarse.

Koreen Dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi Dimokraasii, wixinee seeraa dhihaateef qoratee Paarlamaaf dafee deebisuun yeroo gabaabaa keessatti silaa raggaasifamuu qaba ture.

Haa ta’u malee sababa barreessaan ol’aanaan Majlisa Federaalaa Qaasim Taajuddiin, namoota muraasa irraa mallattoo walitti qabuun dhoksaan ergeefif, wixineen kun hanga ammaatti osoo hin raggaasifamin kan ture tahuu gabaafame.

Wixineen seeraa Koree Jijjiirama Dhaabbilee Hawaasa Muslimaa 9’n fi ogeeyyota seeraan qophaa’ee, Majlisni Muslimoota hunda hammate seeraan akka labsamu gaafata.

Gorsaan seeraa koree furmata barbaadu hawaasa muslimaa fi koree jijjiirama dhaabilee hawaasa muslimaa Ustaaz Kaamil Shamsuu,
“wixinichi haayyoota seeraatin itti yaadamee, akka Muslimoota hunda osoo gareen hin qoqqoodne kan qophaa’eedha”jedhe.

Hata’uu malee xalayaan fula 11 qabu kan dhoksaan gurraandhala 2,2012 koree Dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi Dimokraasii Mana Marii bakka bu’oota ummataaf, hoggantoota majlisa aangoo irra jiran irraa ergame kan muslimoota gareen qoqoodu tahuu gabaafame.

Xalayiichi “wixineen dhiyaate kan muslimoota hunda hammate osoon taane kan garee Aqiidaa “Asha’aariyaa fi Matuurudiyaa”hordofaan”jedhamu qaba kan jedhu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Haaluma kanaan Paarlamaan, dhimmicha irratti hoggantoonni Majlisaa fi ogeeyyiin seeraa afur hin caalle Caamsaa 19,2012 Caamsaa arba’aa borue Mana Marichaatti dhiyaatuun akka ibsa kennan gaafate.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button