header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad gara Ameerikaa Imale

Imalli Dr Abiy kun ‘Imala tokkoomuu’  mooggaasa jedhu kan qabu yoo tahu, mataduree ‘Dallaa diiguun, Riqicha haa ijaarru’ jedhuun waltajjiiwwan magaalota Ameerika Sadi keessatti qophaayaa jiran irratti hirmaachuuf akka tahe gabaasni arganne ni ibsa. Magaalonni kunniinis Waashington DC, Los Anjalas fi Minisootaa tahuun beekameera.

Jila Muummicha ministeeraatiin hoogganamu kana, Pirezdantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa dabalatee qondaaltonni biyyattii kanneen birootis keessatti argamu. Jilli Muummicha ministeeraatiin hoogganamu kun akka saa’atii Washingiton Dc Khamiisa ganama Ameerikaa seena jedhamee eeggama. Yeroo ammaa muummicha ministeeraa simachuuf lammiileen Itoophiyaa hedduu buufata Xiyyaaratti eegaa kan jiran tahuu gabaasni arganni ni mul’isa.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button