header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Qaxar imaammata mootummaan Chaayinaa muslimoota Wiigar ilaalchisee hordofu deeggaruun xalayaa mallatteessitee turte haquu gabaafame

Ji’a lama dura Awstiraaliyaa, Niwuziiland fi Jaappaan dabalatee ambaasaaddaroonni biyyoota 22, maqaa finxaalessummaa ittisuu jedhuun cunqursaa hamaa mootummaan Chaayinaa muslimoota Wiigar irratti raawwatu balaleefatuun, dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti mana marii mirga namoomaatiif xalayaa barreessan. 
Faallaa kanaatiin Saa’uudii, Paakistaan fi Aljeeriyaa dabalatee mootummoonni biyyoota ummanni isaanii irra jireessi muslimaa 37, xalayaa biroo kan imaammata mootummaan Chaayinaa muslimoota Wiigar ittiin dararaa jiru deggaru mallatteessan.
Biyyoota 37 kana jidduu Qaxar Xalayaa deeggarsaa duraan mootummaa Chaayinaatiif maallateessite haquu fi dhimma muslimoota Wiigar irratti qaama walabaa tahuun kan hordoftu tahuu ibsite.

 

Qaxar July 18,2019 , Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Prezdaantii mana marii mirga namoomaa Jeneevatti argamuuf xalayaa ergiteen:
“xalayaa deeggarsa July 12,2019 imaammata mootummaan Chaayinaa muslimoota Wiigar irratti hordofu deeggaruun mallatteesine, imaammata keenya kan biyya alaa waan faallessuuf haqnee jirra”jechuu isii odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button