header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Gamtaan Waraana Arabaa Mana Hidhaa Yaman irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 60 ajjeefamuu ibsame

Haleellaa xiyyaaronni gamtaa waraana Arabaa Sa’uudiin hogganamuu halkan edaa mana hidhaa Kibba-Lixa Yaman,  magaalaa Zamaar keessatti argamu irratti raawwataniin,  yoo xiqqaate namoonni 60 kan ajjeefaman tahuu gabaafame.  Gareen Huusii mana hidhaa kana too’ataa ture ibsa baaseen, xiyyaaronni gamtichaa Sabtii halkan yeroo torba deddeebi’uun gamoolee mana hidhaa boombiin haleelaa turan jedhe.

 

Gamtaan Waraana Arabaa gama isaatiin iddoon rukutame wiirtuu gareen Huusii droonii fi misaa’elaa  keessatti  oomishuu tahuu beeksise.  Dubbi himaan waraana gamtichaa Koloneel Turki Al-Maliki ibsa kenneen, “gamtichi haleellaa raawwatameen namoota nagayaa irra balaan akka hin dhaqqabneef of eggannoo cimaa godhee jira”jedhe.

 

Hogganaan Dhaabbata Baatii Diimaa damee Yaman Franz Rauchenstein Twitter isaa irratti, “Wiirtuun rukutame mana hidhaa tahuun ni beekna, dhiheenya kanas daaw’annee turre. Har’a ammoo balaa dhaqqabe kana ilaaluuf gamasitti imalaa jirra”jechuun barreesse.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button