header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ameerikaa marii nageenyaa Xaalibaan waliin Dohaa keessatti gaggeessaa turte goolabuu ibsite

Xaalibaan fi Ameerikaa marii nageenyaa marsaa saglaffaa Qaxar magaalaa Dohaa keessatti  geggeessaa turan Alhada kaleessaa kan xumuran yoo tahu, qondaalli ol’aanaan Ameerikaa bakka bu’uun marii geggeessaa ture wixinee sanadiin walii galtee irratti,  mootummaa Afgaanistaan waliin mari’achuuf Kaabul kan seene tahuun beekamee jira.

 

Qondaalli ol’aanaan gama Ameerikaatiin  marii kana hogganaa ture Zalmey Khalilzaad  gaafii fi deebisaa Televizhiina Afgaanistaan waliin godhe irratti, Ameerikaa fi Xaalibaan walii galtee xumuraa irra gahuu ibsuun, kana booda sanadiin nageenyaa kun eessatti fi qondaaltota gama lamaanii sadarkaa kamiittu mallatteessa dhimma jedhu qofa iraatti murtiin Prezdaant Traamp kan hafe tahuu hime.

Mr Khalilzaad itti dabaluudhaanis, sirni mallattoo walii galtee kanaa Norwey keessatti akka tahu yaadni jedhu akka jiruufi, sirna mallattoo booda guyyaa 135 keessatti Ameerikaan loltoota isii kaampii waraanaa 5 keessa jiran Afgaanistaan keessaa kan baaftu tahuu ibse.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button