header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiilee Oromoo Mooyyaalee irraa gara Keeniyaa baqatan gargaaruuf duulli maallaqa walitti qabuu jalqabame

Ajjeechaa waraana makkalaakayaa dheessuun lammiilee Oromoo aanaa Moyyaalee irraa gara Keeniyaatti baqatan gargaaruuf, duulli maallaqa walitti qabuu karaa toora interneetiitiin jalqabame. Duula guyyaa kaleessaa toora interneetii “Go Fund Me” jedhamuutiin baname kana dhaabbanni Oromia Media Network kan qindeesse yoo tahu, hanga ammaatti maallaqani Doollara 63,700 kan walitti qabame tahuun beekame.
Odeeyfannoo wal fakkaatuun duguuggaa Sanyii waraanni Makkalaakayaa Sabtii dabre magaalaa Moyyaalee keessatti raawwate hordofuun, jiraattonni aanaa Mooyyaalee kuma hedduutti lakkaawaman gara Keeniyaatti baqachuun buufataalee torba keessatti kan qubatan tahuu dhaabbanni Fannoo diimaa Keeniyaa beeksise. Akka ibsa dhaabbatichaatti namoonni baqatanii Keeniyaa seenan irra caalaan haawwalii fi daa’imman akka ta’anii fi dubartoonni ulfaatis baayinaan kan keessatti argaman tahuu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button