header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa Taanzaaniyaan dhibee Iboolaa biyyattii keessatti mul’ate ilaalchisee odeeyfannoo dhoksaa jirti jedhe

 

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO)’n ibsa Sabtii kaleessaa baaseen akka jedhetti,  mallattoolee dhibee iboolaa biyyattii keessatti mul’ate hordofuun, ragaalee qorannoo kilinikaa, daataa buufataalee fayyaa fi ragaaleen qorannoo laboraatorii akka ergamuuf WHO’n yeroo heddu kan gaafate tahus, mootummaan Taanzaaniyaa deebisaa kan hin kenniniif tahuu beeksise.

 

Dhaabbatichi itti dabaluudhaanis, mootummaan Taanziiniyaa ragaa barbaachisaa tahe dhoorkachuu isaatiin, yeroo ammaa tamsa’ini dhibee iboolaa biyyattii keessatti sadarkaa maal irra akka jiru hin beekamu jedhe.

 

Mootummaan Taanzaaniyaa hanga ammaatti himannaa WHO kanaaf deebisaa kan hin kennin yoo tahu, Gamtaan Biyyoota Naannawa Baha Afrikaa garuu, dhibeen Iboola naannicha keessatti  hin mul’anne jechuun,  September 14, 2019 dhaabbatichaaf kan gabaase tahuun beekamee jira.

Haata’u malee WHO’n gabaasa kana shakkii guddaan kan ilaalu tahuu ibse. Kunis dubartiin dhibee iboolaatiin qabamtee turte takka September 8,2019 magaalaa Daarussalaam keessatti du’uu isii,  akkasumas namoonni heddu Taanzaaniyaa keessatti dhibee kanaan kan qabaman tahuu ragaan jiraachuu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button