header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Koreen Chaartarii Suuriyaa qopheessu hundeeffamuu beeksise

Barreessaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antoniyoo Gutereez Kora Waliigalaa 74ffaa UN har’a New York keessatti jalqabame irratti akka ibsetti, koreen heera Suuriyaa haarayatti akka qopheessuuf hundaaye kun,  torbee muraasa booda wal gahii jalqabaa magaalaa Geneva keessatti geggeessa.

Antoniyoo Gutereez hirmaattota Kora UNtiif  ibsa kenneen  “Mootummaan Suuriyaa fi Komishiiniin Gamtaa Mormitootaa , koreen UNiin deeggaramaa  heera  biyyattii haarayatti qopheessu, kan qaamota siyaasa biyyattii mara hammate akka hundaayu walii galuu isaanii gammachuu guddaan isin beeksisa”jedhe.

Mr. Gutereez itti dabaluudhaanis, hojii koree kanaa moggatti qaamota siyaasaa Suuriyaa jiddutti wal amantaa cimsuudhaaf UN biyyoota biroo waliin cimsee kan hojjatu tahuu ibsuun, bu’aa amma argame kana fiduudhaaf carraaqqii hanga ammaatti godhamaa ture keessatti , gaheen Turkiyaa, Iiraan fi Raashiyaa ol’aanaa tahuu ibse.

Ajandaawwan jajjaboo Kora Waliigalaa 74ffaa UN kana irratti hoggantoota biyyoota addunyaatiif dhihaatan jiddu kanneen biroo ammoo,  dhimma Jijjiirama haala qilleensaa fi haala nageenya Baha Jiddu Galeessaa yoo tahan, keessumattuu prezdaantota Iiraan fi Ameerikaa jiddutti falmiin cimaan ni godhama jedhamee eeggama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button