Odeeyfannoo Biyyaa
Konkolaataan FSR kan Baala Sammuu nama hadoochu fe’atee gara Keeniyaatti imalaa ture to’annaa jala oolfame
Konkolaataan kun baala sammuu nama hadoochu (Ashiisha) fe’atee magaalaa Shashamannee irra gara magaalaa dangaa Keeniyaa Mooyyaleetti osoo imalaa jiru, godina Booranaa aanaa Dirree ganda Haralootti gargaluun kan to’atame tahuu odeeyfannoon naannawa irra nu gahe ni addeessa.
Konkoolaatan kun baala sammuu nama hadoochuu kana kaartonii zayita Hayat 194 keessatti naquudhan fe’atee imaala kan ture yoo tahu, Meeshaa kun Gumuruuk damee Mooyyalee harka galee jira.