header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Yaa’iin Idilee Lammaaffaan Majlisa Godina Jimmaa geggeeffama jira

Yaa’iin Idilee majlisa godina Jimmaa guyyaa lamaaf ture, hardha kan jalqabame yoo tahu, Walitti qabaa boordii Majlisa Oromiyaa Injinar Ustaz Gali Abaaboor, dabalatee Hoggantoonni biroo fi akkasumas hoggantootni majlisa godinichaa argamanii jiru.

Walitti qaban boordii majalisa Oromiyaa Ustaaz Injinar Galii Abaaboor haala nageenya biyya keessaa ilaachisee ajjeechaa kutaa biyyattii keessatti heddummaate balaleefachuun hawaasni muslimaa yoomillee caalaa dammaqee nagaya irratti akka hojjatuu qabu dhaamsa dabarfatanii jiru, Akkasumas duula maqa xureessuu Nabiyyii keenyaa balaaleffatanii jiru.

Yaa’ii kana irratti miseensi mana marii ulamaa’ii fi hogganttootni boordii kan Godinaa Jimmaa hundaa fi ulmaa’oonnii gurguddoo irratti argamanii jiru. Yaa’ii kana irratti gabaasa bara 2012 kan godinaa fi aanaalee gamaaggamamee akkasumas karoora bara 2013 ni mirkaneeffatu jedhamee eegama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button