header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Dargaggoonni Isra’eel 63 tahan waraana biyyattii keessatti hirmaachuuf fedhii kan hinqabne tahuu beeksisan

Dargaggoonni lammii Isra’eel 63 Xalayaa Aangawoota biyyattiitiif barreessaniin, waraana biyyatti dachii Falasxiin humnaan qabate keessatti, hirmaachuudhaaf fedhii kan hinqabne tahuu beeksisan. Dargaggoonni umriin isaanii 18 hanaga 25 keessatti argaman kunnii akka jedhanitti,” Isra’eel dachii Falasxiin humnaan qabatte “yeroodhaaf” jechaa waggaa 50 guutu miraga isaanii cabsaa turteerti. Nut dargaggoonni dhiiraa fi shamaraa badii Mootummaa Isra’eel kanaaf irree tahuu diduun dirqama loltummaa biyyattii kan hin fudhanne tahuu beeksifna” jechuun beeksisan.

Xalayaa kana irratti dargaggoonni kunniin gocha Isra’eel Gaazaa irratti raawwattu kan balaaleffatan tahuu ibsuun, “Isra’eel lammiilee Falasxiin Gaazaa keessa jiraataan warra west bank keessa jiraniin addaan kutuun, waggoota kurnan dabraniif jiru gadaddoo keessatti hambisuu isii ni balaaleffanna”jedhan.
Dargaggoonni kunniin xalayicha kana keessatti ; Isra’eel seera loogii sanyiitiin ilma namaa adda qoodu lama qabdi. Tokko kan lammiilee Falasxiin ittiin darartu, kan lammataa ammoo kan lammileen isii ittiin bulchitu jechuun ibsan.

Xalayaan banaa Gaazexoota Isra’eel irratti guyyaa hardhaa bahe kun muummicha ministeeraa, ministeera Ittisaa fi Barnootaatiif kan barreeffame akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa. Dargaggoota Xalayaa kana mallatteessan jidduu hedduun iisaanii waraana biyyattii keessatti hin hirmaannu jechuun mana hidhaa keessa kan jiran tahuu gabaasni kun ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button