header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Weerara Awwaanisaa too’achuuf Xiyyaaroonni lama ramadamuun gabaafame

Weerara Awwaanisaa godinaalee Harargee fi Naannoo Amaaraa keessatti ka’e too’achuuf, Dhaabbanni ittisa weerara Awwaanisa gammoojjii baha Afrikaa, xiyyaarota lama kan bobbaase tahuu fi xiyyaaroonni kunniin naannoo Amaaraa magaalaa Kombolchaa fi magaalaa Dirree Dhawaa irraa ka’uun, naannawa weerarichi itti babal’ateetti keemikaala bifuuf tahuu, ekispeertiin odeeffannoo fi ragaa olaanaa dhaabbatichaa obbo Falagaa Eeliyaas ibse.

Obbo Falagaa Eeliyaas, naannoo Amaaraa iddoowwaan weerarri awwaanisaa itti mul’ate dawaa bifuuf, haalli teessuma lafa rakkisaa tahuus ibse.

Weerarri Awwaanisaa dhiheenya biyyaattii iddoo gara garaatti mudate, miidhaa cimaa dhaqqabsuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button