header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Shorarkaa Waraanni Makkalaakayaa Yunivarsiitii Haramaayaa keessatti raawwateen barattoonni heddu miidhaman

Waraannii makkalaakayaa halkan edaa doormii barattootaa cabsee seenuun barattoota heddu kan tumaan yoo tahu, ijoolleen heddu miidhaan cimaan kan irra gahe tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Barattoonni haalaan miidhaman 32 buufatni fayyaa Yuunivarsitii keessatti argamu gara Dirree Dawaa fi Hararitti imalanii akka yaalaman kan barreesseef tahus, komaand Poostiin ijoollee kana akka deemanii hin yaalamne kan dhoorke tahuun beekameera.

Yunivarsiitiin Haramaayaa barnoota Semisteera lammaaffaa ji’a tokkoon dura kan jalqabe tahus, barattoonni hiriyyoota isaanii Komaand poostiin hidhe hamma lakkisutti barnoota hin jalqabnu jechuun hanga ammaatti barnoota hin jalqabne.

Bulchiinsa Yunivarsitichaa gama isaatiin yeroo barnoota qisaasameef barattoonni itti gaafatamummaa akka fudhatanii fi ammas barattoonni kutaa seenanii barnoota yoo kan hin jalqabne tahe tarkaanfii kan fudhatu tahee beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button