header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Prezdaantiin Naannoo Oromiyaa Maqaa ABO’tiin qaamonni biyyattii keessatti Saamicha raawwatan kan jiran tahuu ibse

Prezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa guyyaa har’aa haala yeroo irratti ibsa kenneen, maqaa ABO’tiin iddoo adda addaatti saamichaa fi rakkoowwan garagaraa kan muldhataa jiran ta’uu fi dhimmicha irratti hooggantoota dhaabichaa waliin marii godhuu ibse. Akka Obbo Lammaan jedhetti, hooggantoonni ABO gochi raawwatamaa jiru kan isaan hin ilaallanne ta’uu ibsan.

Torbee darbe keessa jilli mootummaa Ityoophiyaa prezdaantii naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Ministeera haajaa alaatiin hogganamu gara Eertiraa imaluun hooggantoota ABO waliin mari’atuun waliigaltee nagayaa mallatteessuun ni yaadatama.

Walii galtee Nagayaa Addicha waliin maallateefame ilaalchisee Obbo Lammaa Magarsaa:
“Haala dhimmoota gurguddoo irratti waliin hojjatuun danda’amu irratti mari’achuun walii galleerra, dhimmoota xixiqqaa hafan ammoo adeemsa keessa hiikaa deemuuf walii galameera. Maqaa walii galtee kanaatiin yakkoonni adda addaa raawwatamaa jiran fudhatama hin qaban, warri waan kana raawwataa jiran akka irraa of qusatan” jechuun akeekachise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button