header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Faransaayiitti dararaan Muslimoota irratti raawwatamu hammaate


Prezdaantiin Faransaayi torbaan lamaan dura “yeroo ammaa kana Islaamni gaaga’ama keessa jira. Kana ammoo biyya teenya keessatti arguu hin barbaannu” jechuun waan Muslimoota dallansiisu dubbate.

Itti dabaluunis “mallattoowwan duudhaalee Islaamummaa calaqqisan manneen barnootaa fi iddoowwan tajaajila hawaasummaatti akka hin fayyadamne seera ugguru hojiirra oolchuuf hojjatamaa jira” jechuun dhaadate.

Torbaanuma Makroon sadarkaa mootummaatti jibba Islaamaa labse kanatti, barsiisaan Yunivarsitii tokko Kaartooniii Nabi Muhammad maqaa balleessu tolchuun “kun Muhammadi” jechuun barattootatti agarsiise.

Hawaasni Muslima biyyattii, keessumattuu barattootaa fi maatiin barattootaa gocha barsiisaa kanaatiin mufachuu bal’inaan ibsaa turan.

Haa tahu malee barsiisaan Siiviksii fi Seenaa barsiisu kun gochisaa “mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu” tahuu hima. “Barattoonni Kaartoonichaan mufatan kutaa gadi lakkisanii haa bahan” jechuunis tuffii Islaamaaf qabu ibsatee barattoota akkaan dallansiise.

Osoo hin turin barsiisaan kun fuuldura mana barumsichaatti barataa dargaggeessa umrii 18 tokkoon ajjeefame. Barataan barsiisaa galaafte kun battalumatti Poolisiin ajjeefamuus Miidiyaan Faransaa gabaase.

Guyyaa Prizdaantiin Faransaa Imaanu’eel Maakroon tarkaanfii jibbaa Islaamaa sadarkaa mootummaatti fudhatuuf dhaadaterraa kaasee Muslimoonni Faransaayitti rakkifamaa jiran.

Bakka adda addaatti waraanni Faransaa, akkasuma qaamoleen jibba Islaamaa leellisan tarkaanfii badduu hawaasa Muslimaa irratti fudhatuun dhagahame.

Tarkaanfiiwwan hanga ammaatti fudhatamaniin dhaabbileen Islaamaa fi Masjidoonni 80tti dhihaatan mootummaan cufamuun ibsame.

Muslimoonni hedduunis manneen jireenyaafi bakka hojiirraa qabamanii hidhamanii jiran.

Dulli mootummaa fi gareewwan jibbaa Islaamaa leellisan kanaan jalqabame kun Muslimoota biyyattii sodaa hamaa keessa naqe. Mootummaan Ajjeechaa barsiisaa sanirratti raawwatame sababeeffachuun imaammata jibbaa Islaamaa karoorfatee ture hojjiirra oolchaa jira jadhame.

Aktivistiin Muslimaa lammii Faransaayi Yaasir Luuwaatii, gaaffii fi deebii Al Jaaziiraa waliin godherratti “haleellaan Muslimoota irratti xiyyeeffate raawwatamaa jira. Prizdaanti Maakroon duula jibbaa Islaamaa dahoo godhatuun aangoo tursiifachuu yaade galmaan gahachuurratti argama”jedhe.

Prezdaantiin Turkiyaa Erdogaan, “Maakroon rakkoo qalbii tan laalamuu barbaaddu qaba. Akkamitti Prezdaantiin biyya tokkoo kan lammiilee amantii adda addaa hordofan hogganu akkanatti yaada?” jechuun Prezdaantii Faransaay qeeqe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button