header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Paakistaan Gamtaan Biyyoota Islaamaa Muslimoota Indiyaatiif sagalee akka tahu gaafatte

Paakistaan seera muslimoota cunqursu kan Indiyaan dhiheenya labsite ilaalchisee, miseensonni Gamtaa Biyyoota Islaamaa 57 sagalee tokkoon akka balaaleffatan gaafatte. Ministeerri haajaa alaa biyyattii Shah Mahmuud Qureyshii Alhada hara’aa ibsa kenneen, “Paakistaan dhimmicha irratti mari’achuuf wal gahii ministeeronni biyyoota 57 irratti hirmaatan, Islamabad keessatti keessummeessuuf qophaahaa jirti”jedhe.

Mr Qureeyshin ibsa isaa kanaan, seera muslimoota cunqursu kan Indiyaan dhiheenya baafte kana, lammiileen Indiyaa hordoftoota amantaa biroo tahanis muslimoota waliin mormaa jiraachuu ibsuun, kun immoo seerichi hamaa ta’uu isaatii fi lammiilee biyyattii wal qixxumatti amanan biratti fudhatama kan hin argatin tahuu mul’isa jedhe.

Shah Mahmuud Qureeyshi dhimmi muslimoota Kaashimiiris ajandaa marii ministeerota haajaa alaa biyyoota gamtichaa akka ta’uufi, lammiilee Kaashimiir baatii shanan dabran guutuu addunyaa irraa addaan baafamanii, humna waraana Indiyaatiin dararamaa jiraniifis sagalee tahuun dirqama jedhe.

Mootummaan Indiyaa Paartii ol’aantummaa amantaa Hinduu leellisuun hogganamu, dhiibbaa muslimoota irratti raawwatu hammeessaa kan dhufe yoo tahu, October dabre mirga ofiin of-bulchuu kutaa Kaashimiir haquun naannicha humna waraanaatiin mootummaa jiddu galeessaa jalatti deebisuun ni yaadatama. Haaluma wal fakkaatuun December 11, 2019 Paarlaamaan biyyattii heera baqattoota muslimaa qofa lammummaa dhoorkatu eega baasee booda, biyyattii keessatti mormiin bal’aan kan geggeeffamaa jiru tahuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button