header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Masjida kaleessa diigame guyyaa boruu bakkatti deebisee kan ijaaru tahu ibse

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa laaftoo keessatti Masjidni Aliif guyyaa kaleessaa namoota bulchiinsa magaalichaa irraa ergamaniin kan diigame yoo tahu, yeroo gara garaatti masjiidota diiguun kun baay’ataa dhufuun wal qabatee, gochi guyyaa kaleessaa hawaasa muslimaa dallansisee jira. 
Kanuma hordofuun itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa, masjiidni kaleessa diigame beekkamtii Bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin alatti kan raawwatame fi shira mootummaa fi hawaasa muslimaa waliitti buusuuf yaadame tahuu ibsuun, boru ganama iddoo masjidni irraa diigametti argamuun adeemsa deebisanii ijaaruu kan jalqabsiisu tahuu ibse.

Akkasumas namoonni masjidni akka diigamu ajaja baasaniis, guyyaa har’aa too’annaa jala oolfamanii kan qoratamaa jiran tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Eega Injinar Taakkalaa Uumaa Itti aanaa Kantiibaa magaalaa Finfinnee tahee muudame asitti, kan kaleessaa dabalatee masjiidni 4 diigamanii jiran.

 

4 Comments

  1. wayyanne hadharaw tanatu wan akkana hojata wahundafu wani akkana kun wali bu’insa wan uumuuf of egannon hojattota hayye barbachisadha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button