header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Federaalaa dhimma haleellaa Masjidoota magaalaa Mooxaa irratti boru ibsa kennuufi

Haleellaa shoorarkeessitoonni naannoo Amaaraa baha Goojjam magaalaa Mooxaatti raawwataniin Masjidoota 4 dabalatee Dukkaanoonni hawaasa Muslimaa magaalattii 400 ol gubatuun ni yaadatama.

Gochi raawwatame kun hawaasa Muslima biyyattii kan dallansiise yoo tahu, torbee dabre Muddee 15,2012 Majlisni Federaalaa garee gocha raawwatame qoratu kan miseensoota 4 qabu hundeessuun garasitti ergee ture, Akkasumas Mootummaan Naannoo Amaaraa dhimmicha irratti hanga Muddee 22,2012 tti akka deebisaa kennuuf gaafatee, yoo hin kennine immoo guutuu biyyaatti hiriira guddaa yaamuudhaaf akeekkachiisee ture.

Haa ta’uu malee mootummaan naannichaa hanga har’aatti dhimmicha irratti deebisaa tokkollee hin kennine. Majlisni Federaalaa qorannoo koreen ergame irra gahe guyyaa boruu miidiyaaleef ibsa ni kenna jedhamee eeggama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button