header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Barattoonni Oromoo fi Amaaraa Yuunivarsitii Addigraat lakkisaanii bahaa jiru.

Haleellaa Waraanni Makkalakayaa Oromiyaa keessatti raawwataa jiru hordofuun, Yuunivarsitiilee biyyaatti heddu keessatti barattoonni mormii godhaa turuun ni yaadatama. Ji’a darbe keessa barattoota Oromoo fi Amaaraa Yuunivarsitii Addigraat Keessatti baratan irratti, dhalattoonni naannichaa ajjeechaa eega raawwatanii booda, barattoonni naannoo Oromiyaa fi Amaaraatis mooraa Yuunivarsitii lakkisuun masjiidootaa fi manneen amantaa biroo naannawa sanitti argamutti baqatanii kan turan yoo tahu, akka deebi’anii baratani godhamee ture.

Ammas dhiheenya kana osoo barnoota irra jiran mooraa Yuunivarsitii keessaatti barreeffamni dhaamsa barattoota Oromoo fi Amaaraa sodaachisu kan bittinneefame tahuu fi barattooni Oromoo fi Amaaraa tokko tokko Yuunivarsitii lakkisaanii gara iddoo dhaloota isaaniitti kan deebi’aa jiran tahuu baratan dubbisne nuuf hime.
Akka baratan kun jedheetti
” Mora Yuunivarsitii iddoo adda addaatti barreeffamni barattoota Oromoo sodaachisu waan bittinneefameef sodaa guddaa nu irratti uumee jira. Barattoonni tokko tokkos barnoota addaan kutanii gara iddoo dhaloota isaaniitti deebi’aa jiru” jedhe.
Bareefamoota kana keessaa dhaamsa ” Barattoonni Amaaraa fi Oromoo hanga ayyaana hordoftoota amantaa Kiristaanaa dhiyootti kabajamuutti mooraa lakkistanii akka baatan “kan jedhu ija kiyyaan arge jira jedhe.
Ji’a darbe keessa jeequmsa Yuunivarsitiicha keessatti kaheen barattooni Amaaraa ajjeefamuu fi barattooni Oromoo miidhamuu Isiiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button