header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dhaabbileen Falsxiinotaa Waliigaltee Israa’el fi Emreets sagalee guutuun balaaleffatan

Israa’el fi Emreets hariroo siyaasaa fi dippilomasii waliin jalqabuuf walii galuu isaanii Khamiisa kaleessaa labsuun ni beeka. Haata’u malee dhaabbileen Falasxiin ibsa tokkummaan baasaniin, mootummaan Emreets ummata Falasxiin irratti gocha gantummaa raawwate jechuun balaaleffatan.
Ministeerri dhimma Hawaasummaa Bulchiinsa Falasxiin Ahmad Majdalani Aljaziiraaf yaada kenneen, marii Israa’el fi Emreets kana mootummaa Falasxiin kanaan dura gonkuma kan hin dhagayin tahuu ibsuun, yeroo qabsoon Falasxiin sadarkaa murteessaa irra gahe kanatti Emreets ummata Falasxiin gantee Israa’el waliin hariiroo uumuun nu ajaa’ibsiisee jira”jedhe.
Emreets akka jettutti qabxiilee walii galtee jidduu tokko Israa’el dachii Falasxiinotaa naannawa West Bank keessatti humnaan qabatte fottoqsuuf sochii jalqabde, yeroodhaaf kan dhaabdu tahuu ibsite. Haata’u malee Falasxiinonni dhimma naannawa humnaan qabamee fottoqsuu addunyaan hundi Israa’el harkatti fashaleessee jira waan taheef, Emreets sababa kanaan nu sobuu hin dandeettu jedhan.

Walii galtee kaleessaa kanaan Emreets biyyoota galoo galaana Arabiyaa jahan jiddu biyya jalqaba Israa’el waliin hariiroo tolfatte taatee jirti. Biyyoonni Arabaa kanaan dura Israa’el waliin hariiroo qaban Masri fi Urdun qofa turan.
Falasxiinonni akka jedhanitti gochi Emreets kan isaan gaddisiise tahus, qabsoo walabummaa fi bilisummaa Falasxiin taakkuu takkallee kan ofduuba deebisu akka hin taane beeksisan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button