header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Obbo Jawar Muhammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa hidhamuu gabaafame

Miidiyaan OMN Waajjira Ameerikaa irraa akka gabaasetti, Obbo Jawaar Muhammad fi Obbo Baqalaa Garbaa dabalatee namoonni heddu Finfinnee Galma Jiddu Gala Aadaa Oromoo keessatti Poolisoota Federaalaatiin marfaman. Gabaasaleen booda irra bahan akka mul’isanitti ammoo Poolisiin Federaalaa waardiyyoota Jawaar hidhannoo hiikachisuun, Obbo Jawaar fi Obbo Baqqalaa Garbaatis hidhanii jiru.
Dabalataanis Poolisiin Federaalaa Waajjiri OMN seenuun hojjattoota hunda fuudhanii akka deeman odeeyfannoon argame ni addeessa.
Gama biraatiin ammoo ajjeechaa Artis Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun ummanni magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormii geggeessaa jira.

5 Comments

  1. yaa rabbii biyyaa tennaa nagaa godhii 😢😢hamttuu dhuftee marraa nurraa deebisi yaa Allah ☝️☝️☝️kaa Armiin hundii harkaa kee jirttuu😥

  2. yaa rabbi nuu birmaadhu nuuti humnaa hin qaabinuu nuuti da’iifaa keeti yaa Allaah ☝😭😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button