header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hogganaan Omaan Sulxaan Qabuus Bin Sa’id amrii ta’e

Manguddoon waggaa 79 Sulxaan Qabuus Bin Sa’id yeroo dhihoo as dhukkubsatee Beljiyeem fi Jarman keessatti kan yaalamaa ture akka taheefi, torbee dabre keessa gara Muskaat eegaa deebi’ee booda kaleessa galgala amrii tahuu gabaafame.

Sulxaan Qabuus bara 1970 irraa eegalee waggaa 50‘f Omaan kan hooggane yoo tahu, biyyatti diinagdee fi barnootaan duubatti haftuu turte yeroo gabaabaa keessatti gama hundaan jijjiiruun nama milkaa’e tahuu odeeyfannoonni addeessa. Haaluma wal fakkaatuun, Omaan hoggansa Sulxaan Qabuus jalatti baha jiddu galeessaa waraanaa fi walitti bu’iinsaan beekamu keessatti biyya tasgabbooftuu, rakkoolee naannichaa fi Idil addunyaa dippilomaasiin hiikuu keessattis biyya dhageettii fi kabajaa guddaa horatte tahuun beekamti.

Sulxaan Qabuus Bin Sa’id ilmaan fi Obboleewwanis hin qabu. Haaluma kanaan hogganaan biyyattii Sulxaan Qabuus bakka bu’u hanga amaatti hin bekamne. Haata’u malee akka heera Omaanitti manni marii maatii Amiirota Omaan hogganaa biyyattii sa’aa 72 keessatti beeksisuu kan qabu yoo tahu, maatii Amiirotaa jiddutti wal dhabbiin yoo uumame ammoo, namni Amiirri duraanii gaafa lubbuun jiru, maqaa isaa xalyaa dhoksaa irratti barreessee sanduuqa saamsame keessa kaahe, hogganaa biyyattii tahee kan bakka bu’u tahuu labsame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button