header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti bu’iinsa Barattoota Yuunivarsitii fi humnoota tika mootummaa jiddutti uumameen barattoonni hedduun miidhamuu gabaafame

Rakkoo godinaalee Oromiyaa gama Lixaatti uumameen tajaajilli bilbilaa fi Interneeti addaan cituu, akkasumas dhimma tasgabbii dhabinsaatiin wal qabatee “yaaddoo qabna”jechuun, barattoonni Yunivarsitilee adda addaa yeroo hiriira bahanitti midhaan isaan irraa gahuu himan.
Barattoonni Yuniversiitii guyyaa lama dura Oromiyaa Lixaatti tajaajillii internettii fi bilbillii addaan waan citee maatiin wal arguu dadhabuun yaaddoo keessaa akka jiranii fi mootummaan duula waraanaa naannichatti jalqabe akka dhaabu jechuun hiriira bahan.
Yuniversitiilleen dhiyoo kana hiriirii mormii keessatti geggeeffame Madda Walaabuu, Yuniversitii Arsii, Haroo Maayaa fi Bulee Horaati.
Haaluma kanaan hiriira mormii yuiversitii Bulee Horaa Jum’aa dabre geggeeffame irratti , humni waraanaa mooraa keessa jiru barattoota reebuu, akkasumas heddu isaanii qabuun makiinaatti fe’ee gara hin beekaminitti geessuu VOA’tti himan. Hiriira mormii yuniversitii Bulee Horaa irratti tarkaanfii humnaa waraanni mootummaa fudhateen barataan waggaa sadaffaa tokko rasaasaan rukutamee kan ajjeefame tahuus odeeyfannoon ni addeessa.
Haata’u malee itti gaafatamaan hariiroo hawaasaa Yunivarsiitichaa obbo Daani’eel Seeyfuu, “jeequmsa barattoonni uumaniin lubbuun barataa tokkoo darbuufi barattoota 12 ta’an irratti miidhaan dhaqqabee jira”jechuun BBC’f hime.

Haaluma wal fakkaatuun tarkaanfii humnaa waraanni mootummaa barattoota Yuniversiitii Haroo Maayaa irratti fudhteen barattoonni hedduun miidhamuu gabaafame.

Yunivarsiitiiwwan gara garaa Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti walitti bu’iinsa umameen fi tarkaanfii humnaa qaamoleen tika motummaa fudhataniin, lakkoofsi barattoota bara kana ajjeefamanii diigdamaa ol gahuu ragaaleen ni mul’isu.
Gama biraatiin ammoo akka bakka bu’aan Paarti Biltsiginnaa Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa miidiyaaf himetti, duullii riphee loltoota Oromiyaa gama Lixaa keessa maanidheffatan irratti geggeeffamu waan haarayaa miti. Haaluma kanaan duula mootummaan shiftoota irratti baneen wal qabatee, mootummaan interneetii fi tajaajila telefoonaa yeroodhaaf ugguruus beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button