header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Aksuumitti Salaatni Jum’aa akka hin Salaatamne dhoorkamuu gabaafame

Naannoo Tigraay magaalaa Aksuumitti salaatni Jum’aa boru akka hin salaatamne kan dhoorkame tahuu, odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa. Jiraattonni magaalaa Aksuum akka jedhanitti, Sabaabni Salaatni Jum’aa boruu Sadaasaa 21/2011 akka  hin salaatamne dhoorkameef,  hordoftoota amantaa Ortodoksii biratti “guyyaa Maariyaamii”jechuun kan kabajamu waan taheef, guyyaa kanatti salaatni Jum’aa akka hin salaatamne kan dhoorkame tahuu ibsan.

 

Muslimoonni Aksuum hanga har’aatti magaalattii keessatti masjiida akka hin ijaaranne dhorkamuun daandii irratti kan salaatan yoo ta’u, hawaasni muslimaa Masjiida ijaarachuun akka hayyamamuuf, akkasuma iddoon qabrii akka isaanii kennamuuf yeroo dheeraaf mootummaa kan gaafataa turan tahus deebisaa kan hin argatin tahuun ni beekama.

 

Muslimoonni magaalaa Aksuum dhiibbaa yeroo irraa yerootti isaan irratti hammaataa dhufe kana, hawaasni muslimaa guutuu biyyaattii keessatti sagalee isaanii akka dhageessisu dhaamsa dabarfatanii jiru.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button