header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa lakkoofsi namoota Vayirasiin Koroonaa irratti argamee 11 gahuu ibse

Ministeerri Fayyaa ibsa Alhada har’aa baaseen, Ityoophiyaa keessatti Bitoteeysa 3/2012 namni jalqabaa Vayirasii Koroonaatiin qabame argamuu eega mirkanaahee booda, lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii dabalaa jiraatuu ibsuun, ammas lammiilee Ityoophiyaa lama biyya birootii deebi’an irratti Vayirasichi argamuu beeksise.

Akka ibsa ministeera fayyaatti, namni lammii Ityoophiyaa gara Beljeeym fi Neezarlaands imalee ture tokko torbaan tokko dure Bitoteeysa 5/2012 gara biyyaa akka deebi’eefi, eega deebi’ee booda guyyoota muraasaaf kophaa of-baasee akka ture ibsame. Haaluma kanaan mallattoon dhibee koronaa irratti mul’atuu eega jalqabee booda, eeruu ministeera fayyaa dhaqqabeen samuudaan laboratooriin laallamee Vayirasichi irratti argamuu kan mirkanaahe tahuu ibsi ministeericha ni mul’isa.

Haaluma wal fakkaatuun lammii Ityoophiyaa guyyaa afur dura Emreets magaalaa Dubaay irraa deebi’e tokko irratti sakkatta’iinsa fayyaa godhameen Vayirasichaan qabamuun mirkanaahuu ibsame.

Namoota kanaan dura Vayirasichi irratti argame jidduu 8 haalli fayyaa isaanii fooyyee akka qabuu fi namni 9ffaa garuu haalli fayyaa isaa hamaa tahuu ibsi ministeera Fayyaa ni addeessa.

Gama biraatiin ammoo Vayirasiin Koroonaa yeroo ammaa biyyoota Afrikaa 41 keessatti babal’atuuun namoonni 1, 000 ol vayirasichaan qabamuun kan mirkanaahe yoo tahu, Ertiraa dabalatee biyyoota baha Afrikaa hunda keessatti tamsa’uun mirkanaahee jira.

Ministeera Fayyaa Ityoophiyaa

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button