header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Maleezhiyaan Weerara Vayirasii Koroonaa biyyattii keessatti hammaate to’achuuf daangaa biyyoota ollaa waliin qabdu hunda cufte

Biyyi ollaa Chaayinaa hanga Jalqaba ji’a kanaatti weerara Vayirasii Koronaa biyyoota naannichaa cinqaa ture to’achuu isiitiin dinqisiifamaa turte. Haata’u malee Konfiransii Da’awaa guddaa xumura ji’a dabree geggeeffame booda Vayirasichi haala weerararaatiin kan tatamsa’e tahuu mootummaan biyyattii beeksise. Konfiransiin kun Masjiida guddaa magaalaa Kuwalaalaampur keessatti guyyaa 4 kan geggeeffame yoo tahu, lammiilee biyyoota alaa 1,500 dabalatee ummanni kuma 16 konfirasicha irratti kan hirmaatee ture tahuu gabaafame.
Kanuma hordofuun guyyoota lamaan dabran keessa namoota sagantaa Da’awaa kana irratti hirmaatanii turan jidduu 500 ol Vayirasichaan kan qabaman tahuu ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise. Ammas ummata kumaatamaan lakkaahamu addatti hordoffiin fayyaa kan godhamaafii jiru tahuu ibsame. Walumaa galatti Maleezhiyaa keessatti lakoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 900 ol gahuu odeeyfannoon ni mul’isa.
Biyyoonni Islaamaa Vayirasichi haala yaaddeessaa taheen keessatti babal’ataa jiru kanneen biroo, hanga guyyaa har’aatti Qaxar Namni 450, Indoneezhiyaa Namni 309, Pakistaan Namni 307, Bahreeyn Namni 256, akkasumas Sa’uudiin Namni 238 qabamuu mirkaneessanii jiru.

6 Comments

  1. As wr wb jabaadhaa warra NH da’awaan keessan bifa barreeffamaan osoo ta’ee baay’ee nutti tola jabaadhaa rabbii jecha isin jaalanna.

  2. jabadha odeefannoo dhugaa ummata muslimaa biraa ga’aati bala gudda dhukkuba korona kana jala ummata keenya barara? As,wr,wa

  3. Rabin rahamataa haa godhuu Inshaallaah

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button