Loltoonni Isra’eel Khamiisa har’aa Gaazaa fi West Bank keessatti Falasxiinota labsii Traamp mormaa turan irratti dhukaasuun, battalumatti namoota lama ajjeessuun, namoota sadi ammoo kan madeessan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Related Posts
Namoota kanneen keessa tokko magaalaa Gaazaa iddoo Al-Bureeyji jedhamutti kan ajjeeffame yoo tahu, kan lammataa ammoo West Banka magaalaa Naabluus cinatti mormii gaggeeffamaa tur irratti, rasaasa loltoonni Isra’eel dhukaasaniin kan ajjeeffaman tahu Ministeerri Fayyaa Falasxiin beeksise.