header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Poolisiin Paakistaan Haakimoota hanqina uffata ittisa Vayirasiif gargaaru gaafachuu hiriira bahan hidhe

Paakistaan kutaa Quetta jedhamu keessatti, ogeeyyonni fayyaa uffanni Vayirasii Koroonaa ofirraa ittisuuf gargaaru haala gahaa ta’een nuuf hin dhihaanne, jechuun hiriira bahan. Kanuma hordofuun humnoonni tika mootummaa tarkaanfii fudhataniin Haakimoonni heddu kan madaayan yoo tahu, yoo xiqqaate Haakimoonni 60 hidhamuus odeeyfannoon ni addeessa.

Waldaan Ogeeyyota Fayyaa biyyattii “Young Doctors Association”jedhamu ibsa baaseen, “weerara Vayirasii Koroonaa biyyattii keessatti hammaataa dhufe to’achuuf carraaqqii godhamu keessatti, ogeeyyonni fayyaa adda duree tahuu isaaniitiin wal qabatee, jalqaba isaan Vayirasichaaf akka hin saaxilamne mootummaan meeshaa fi uffata Vayirasicha ofirraa ittisuuf gargaaru haala gahaa taheen dhiheessuufii qaba”jedhe.
Mootummaan Paakistaan Haakimoonni to’annaa jala oolfaman akka lakkifaman ajaja kan dabarse tahus, ogeeyyonni fayyaa ammoo hanga gaaffiin isaanii deebisaa gahaa argatutti mana hidhaatii hin baanu jechuu isaanii gabaafame.

Paakistaan keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota 4,004 Vayirasii Koroonaatiin qabaman jiduu 55 du’uu ragaaleen ni mul’isu.

Haakimoota Paakistaan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button