header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Qaxar Lammiilee Biyyattii Haguuggii Fuulaa (Mask) hin uffanne Riyaala Kuma 200 fi hidhaa waggaa sadihitiin kan adabdu tahuu beeksiste

Qaxar biyyoota Galoo Galaana Arabiyaa weerarri Vaayirasii koroonaa keessatti hammaataa jiru keessa takka yoo taatu, mootummaan biyyattii tamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf lammiileen biyyattii haguuggii fuulaa akka uffatan dirqama godhe.

Waajjirri Ministeera dhimma biyya keessaa gama Twitter isaatiin akka beeksisetti, namni kamiyyuu yeroo mana isaatii bahu haguuggii fuulaa (Mask) uffachuun dirqama akka taheefi, namni qajeelfama kana dabre adabbii Riyaala 200,000 ($54,929) fi hidhaa hanga waggaa sadi gahuun kan adabamu tahuu beeksise.
Qajeelfamni kun iddoo hundatti hojii irra kan oolu yoo tahu, nama kophaa isaa makiinaa oofu qofa kan hin ilaallanne tahuus ibsame.
Biyyattii keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota 28,272 vaayirasichi irratti argame jidduu 14 du’uu gabaafame.

Qaxar maskii dirqama gote

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button