header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammileen Itoophiyaa 249 tahan Kuweet irraa gara Biyyaatti deebifaman

Kuweet dabalatee, biyyoonni galoo galaana Arabiyaa lammilee biyyoota gara garaa kanneen waraqaa hayyama jireenyaa hin qabne, sababa tatamsaa’a dhibee Koroonaa Vaayiras hordofuun, addabbii tokko malee gara biyya isaaniitti kan deebisan tahuu ibsuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan lammileen Itoophiyaa 249 Kuweet irraa har’a waaree booda gara biyyaatti deebifamuu gabaafame.

Lammilee kana yeroo Finfinnee gahanitti, bakka bu’oonni Ministeera Haajaa alaa Itoophiyaa, buufata Xayyaara idil-addunyaa Booleetti argamuun simatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Lammilee Kuweet irraa deebifamuuf iddoo tokkotti walitti qabaman jidduu, kan har’aa dabalatee namoonni 748 gara biyyaatti deebifamuu gabaafame.

 

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button