header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Israa’el West Bank Weeraruun Falasxiinota hiite

Waraanni Israa’eel halkan edaa West Bank weeraruun lammiilee Falasxiin 15 ol kan hidhe tahuun beekame. Namoonni hidhaman hundi mana jireenyaa isaanii irraa kan qabaman yoo tahu, Israa’eel garuu namoonni qabaman jeequmsa qindeessuudhaan shakkaman jechuun himte.

 

Israa’el  yeroo heddu sababaa “namoota barbaadaman qabuu”jedhuun, magaalotaa fi gandoota Falasxiinotaa weeraruun, jumlaadhaan Falasxiinota kan hiitu tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Ragaaleen dhaabbilee mirga namoomaa akka muldhisanitti, daa’immanii fi dubartoota dabalatee Falasxiinoonni 6,500 ol manneen hidhaa Israa’eel keessatti dararamaa jiran. Falasxiinota manneen hidhaa Isra’eel jiran jidduu yoo xiqqaate daa’imman 350 fi abbootiin seeraa beekkamoon jaha kan argaman tahuu gabaasni kun ni ibsa.

 

Gama birootiin ammoo, qubattoonni Yahuudotaa 380 ol tahan Poolisoota Israa’eliin dabaalamuun ganama har’aa Masjiid Al-aqsaa  kan weeraran tahuu qondaaltonni bulchiinsa Falasxiin beeksisan. Qubattoonni kunniin dallaaya Masjidaa cinatti sirna ayyaana Yahuudotaa kabajaa akka turanii fi Poolisoonni Israa’el ammoo Muslimoonni gara masjiidaa akka hin seenne kan ittisaa turan tahuu gabaasni Anaadooluu Niiwus irraa argame ni mul’isa.

loltoota Israa'el West Bank Weeraran2

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button