header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 23, 2020

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota COVID-19 qabamanii 4,848 gahe

Qorannoo laaboraatorii sa’aa 24’n dabre keessa namoota 3773’f taasifame jidduu, haarayatti namoonni 185 kan COVID-19’n faalaman argamu fi walumaagalatti lakkoofsi namoota biyyatti keessatti hanga ammatti qabamanii 4,848 gahu gabaasni Ministeeraa Fayyaa Itoophiyaa irraa bahe ni addeessa.

Namoonni Vaayirasiin kun irratti argame dhiira 47 fi dubartoota 138 yoo tahan, umriin isaanii baatii 3 hanga waggaa 80 jidduutti kan argaman tahuu fi isaan 184 lammilee Itoophiyaa yoo tahan, namni tokko immoo lammii biyya alaa tahuu ragaan ministeera Fayyaa irraa bahe ni mul’isa.

Iddoon jireenya isaanii immoo namni 160 magaalaa Finfinnee isaan jidduu 105 namoota biyya alaa irraa deebi’un iddoo tursiisa addaa keessa jiran, 7 naannoo Oromiyaa, 7 Naannoo Kibbaa, 4 Naannoo Affaar, 2 Naannoo Soomalee, 2 naannoo Amaaraa, 1 naannoo Tigraayi, 1 Gambeelaa fi ammas namni 1 naannoo Hararii irraa tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dabalataniis guyyaa kaleessaa namoonni 115 dhibee kanarraa bayyanachuun lakkoofsi namoota hanga ammaatti dhibee kanarraa fayyaanii walumaagalatti 1412 gahe jira. Akkasumas guyyaa har’aa namni dhibee kanaan du’e kan hin jire tahuu fi walumaagalatti lakkoofsi namoota du’aanii 75 tahuu gabaafame.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button