header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Indiyaa fi Chaayinaan humna waraanaa dabalataan gara daangaatti bobbaasaa jiraatuu gabaafame

Waldhabbiin Indiyaa fi Chaayinaa jiddutti dhimmaa daangaa irratti ka’e hammaatuun torbee lama dura gara walitti bu’iinsaatti ce’uu gabaafamee ture. Kanuma hordofuun biyyoonni lamaan waldhabbii isaanii jiru mariin furuuf qophii tahuu ibsaa turan. Haata’u malee biyyoonni lameenuu humnaa waraanaa guddaa tahe dabalataan gara daangaatti kan ergaa jiran tahuu gabaafame.
Dabalataanis Xiyyaaronni Waraana Chaayinaa gaarreen Himaaliyaa irra deddeebi’uun sochii jalqabuu isaanii akkuma dhagahameen, Indiyan Kiibxata dabre irraa jalqabdee misee’ela Ittisa qilleensaa gara naannawa Kaashmiir fi Jaamutti sochoosaa jirti.
Chaayinaan naannawa daangaa Kaashimiir irratti argamu dabalatee, gaarri Himaaliyaa gamni tokko kiyya jechuun falmiti. Indiyaan ammoo himannaa Chaayinaa moggatti dhiisuun naannicha keessatti daandiiwwanii fi bu’uuraalee misoomaa ijaaraa kan jirtu yoo tahu, waraanni Chaayinaa kanaan duras sochii Indiyaa dhaabsisuuf carraaqaa kan ture tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Walitti gaarrifannaan biyyoota Ummata biiliyoonaan lakkaahamu qaban fi meshaa Niwukilarii waraanaa hidhatan lamaan jiddutti hammaataa dhufe kun, gara lola hamaatti jijjiiramuu danda’a sodaan jedhu guddaa tahuu xiinxaltoonni siyaasaa ibsaa jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button