header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooUSA

Ameerikaan Adeemsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa of baasuu kan jalqabde tahuu beeksiste

Prezdaant Traamp Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) weerara Covid-19 Chaayinaa keessatti jalqaba ka’e, dafee nu hin beeksifne, Dhaabbatichi Chaayinaaf looga sababa jedhuun, ebla dabre keessa hariiroo Ameerikaan WHO waliin qabdu hunda addaan kutuu fi, Akkasumas deeggrsa maallaqa gootuuf hunda irraa kutuu beeksise.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa immoo, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif, Adeemsa jaarmayaa Fayyaa Addunyaa(WHO) keessaa of-baasuu jalqabuu xalayaan kan
beeksisee tahuu gabaafame.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa immoo gama isaatiin, biyyi miseensa  dhaabbatichaa taate tokko keessaa bahuu murteessuu isii waggaa tokko dura beeksisuu qabdi jechuun murtii bulchiinsa Traamp qeeqe.

Hayyoonni fayyaa Ameerikaa immoo gama isaaniitiin, murtiin Traamp dhaabbaticha keessaa bahuuf fudhate kun gahee Ameerikaan weerara dhukkuba daddarbaa to’achuuf waggoota dheeraaf qabatuu turte kan dhorke fi goocha diigumsaatti jechuun dubbatan.

Akkasumas murtiin dhaabbaticha keessaa bahuu kun, Yaalii biyyoonni Addunyaa yeroo ammatti dawaa (talaalii) dhibee Koroonaa Vaayiras argachuuf godhaa jiraniitti yoo milkaawan, carraa dawaa kana argachuu biyyattii kan dhorku tahuu fi Ameerikaa keessaatti dhukkubicha kan hammeessuu malu tahuu ibsame.

Ameerikaan hanga guyyaa har’aatti namoota dhibee Koroonaa Vaayirasiin qabaman 3,144,710 fi akkasumas namoota dhibee kanaan du’an immoo 134,684 qaabachuun, Addunyaa irraa sadarkaa jalqabaa irratti argamti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button